Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa sirreeffamtoota seeraa kuma 2 fi 144’f dhiifama taasiise

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa kuma 2 fi 144’f dhiifama taasiisuu beeksise.

Sirreeffamtoota seeraa turtii mana amala sirreessaa keessatti namuusa gaarii agarsiisanii fi ulaagaalaa dhiifamaa guutaniif dhiifamni taasiifamuu Hogganaan Biiroo Haqaa naannichaa Obbo Isheetuu Goodeettoon ibsaniiru.

Sirreeffamtoota seeraa Boordii dhiifamaan dhimmi isaanii qulqullaa’uun dhiyaachuun dhiifamni taasiifameef keessaa 43 dubartoota ta’uu dubbataniiru.

Hawaasni sirreeffamtoota seeraa dhiifamni taasiifameef kanneeniif deeggarsa barbaachisu akka taasiisuuf gaafachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.