Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 6.5 taasise

Finfinnee, Adoolessa 18, 2016 (FBC)- Naannoon Kibba Lixa Itiyoophiyaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godinaa Goofaa Aanaa Gazee Goofaatti lammiilee sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 6.5 taasiseera.

Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoon aanichatti argamuun maatii miidhaamtootaa jajjabeessaniiru.

Pireezidaantichi balaa mudateen miidhaa qaqqabeen gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsuun, mootummaan naannichaa deeggarsa maallaqa callaa Birrii miiliyoona 5 fi meeshaalee garaagaraa Birri miiliyoona 1.5’tti tilmaamamu taasisuu bisaniiru.

Bulchaan Godina Goofaa Injiinar Daagmaawii Ayyalaan balaa uumamaa godinichatti mudateen gadduu ibsanii balichi humna godinichaan ol waan ta’eef ummanni Itiyoophiyaa deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Bulchaan Godina Walaayittaa Obbo Saamu’eel Folaa naannawichatti argamuun gadda isaanitti dhaga’ame ibsuun, godinni isaanis meeshaalee Birri miiliyoona 2.5’tti tilmaamamu taasisuu eeraniiru.

Fuulduratti deeggarsa barbaachisaa taasisuufis waadaa galaniiru.

Maatusaalaa Maatiwoos fi Mallas Taaddalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.