Fana: At a Speed of Life!

Naannoon keenya dawoo shororkeessitootaa akka hin taaneef Raayyaa Ittisa Biyyaa Cina ni dhaabbanna- Jiraattota magaalaa Haroo Sabbuu

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Naannoon keenya Shanee dabalatee dawoo shororkeessitootaa akka hin taaneef Raayyaa Ittisa Biyyaa Cina ni dhaabbanna jedhan godina Qeellam Wallaggaatti Jiraattonni magaalaa Haroo Sabbuu.

Jiraattonni magaalichaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii naannoo isaaniirratti hoggantoota Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin mari’ataniiru.

Naannoo isaanii dammaqinaan eeguuf Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban ajajaan Kutaa waraanaa naannawichatti dirqamarra jiruu Birgaadeer Jeneraal Takluu Hurriisaan ibsaniiru.

Ergamtoota humnoota biyya alaa kan ta’an kanneen akka Shanee dhabamsiisuuf hirmaannaan hundaa barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Hirmaattonni marichaa gamasaaniin, duula nageenya kabachiisuu eegalame mootummaa bira dhaabachuun aanaan isaanii dawoo Shanees ta’e shororkeessitootaa akka hin taaneef Raayyaa Ittisaa Biyyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.