Naannoon Hararii milishoota Ajeja Bahaa waliin ta’uun leenjisaa ture eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) –Naannoon Hararii milishoota Ajeja Bahaa waliin ta’uun leenjisaa ture eebbisiiseera.
Lola gareen ABUT Ityoophiyaa diiguuf bane qolachuu fi misooma eegalamme itti fufsiisuuf eebbifamtoonni qaamolee nageenyaa biroo waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban Itti Aantuun Preezdaantii naannoo Hararii Aadde Miisiriyaa Abdallaa himaniiru.
Shira badii garee shororkeessaa ABUT fi Shanee qolachuuf hirmaanna qaamni hundi taasiisaa jiru dabalataan qaamoleen nageenyaa adda durummaan wareegama kaffala jiraachuu Af Yaa’iin mana maree naanichaa Aadde Addisalem Bazzaabihi dubbataniru.
Leenjitoonni leenjii loltummaa, jabina qaamaa fi siyaasaa argatanitti fayyadamuun ergama itti laatamu ga’umsaan ba’uu akka qaban Hogganaan Biiroo Bulchiinsa fi nageenyaa naannichaa obbo Naasir Yuuyyaa ibsuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.