Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii abbooti murtee fi muudamtoota balleessa raawwatan adabe

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2016 (FBC)- Yaa’iin Bulchiinsa Abbootii Murtii Naannoo Hararii, rakkoo namusaan kanneen himataman abbootii murtii fi muudamtoonni yaa’ichaa hojiirra gaggeeffamuu fi miindaan akka adabaman murtee dabarseera.

Yaa’ichi baatiiwwan darban komiiwwan hawaasarraa dhiyaatanii fi qorannoowwan gaggeeffaman bu’uureffachuun abbootii murtee fi muudamtoota yaa’ichaa dambii naamusaa darban irratti himata banuun Yaa’ii Bulchiinsa Abbootii Murtee naannichaaf dhiyeessuu beeksiseera.

Haaluma kanaan himannaa 13 dhiyaatan keessa 10 balleessaa raawwachuu mirkanaa’uun murteen kennameera.

Akkasumas himannaa sadii ragaa gahaan waan hidhiyaanneef kufaa taasisuu beeksiseera.

Murtee darbeenis Abbaa Murtee Mana Murtii Shari’aa 1 fi muudamtoota 2 hojiirraa akka gaggeeffaman, abbaa murtee waligalaa 1 akeekkachiisaa dhumaa, kanneen biroon miindaa fi sadarkaarraa akka gadi siqan murtee adabbii irratti darbuu ragaan yaa’ii bulchiinsa abbootii murtee naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.