Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa sagantaa Tola Ooltummaa Gannaa eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 22, 2016 (FBC) – Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa sagantaa Tola Ooltummaa Gannaa magaalaa Hoosaa’inaatti eegalchiiseera.
Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Indashaw Xaasaw magaalaa Hoosaa’inaatti sagantaa kana eegalchiisaniiru.
Sagantaan kenne tolaa bara kana dameewwan 18 irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu ta’uu Obbo Indashaaw Xaasaw eeraniiru.
Hojiileen kutaalee hawaasaa garagaraa miiliyoona 3 ol hirmaachise Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu raawwachuuf karoorfamuu eeraniiru.
Ijaarsii fi haaromsi manneen kuma 2 fi 500 kan raawwatamu ta’uus himuu ragaan kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.