Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Gaambeellaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 1, 2014(FBC)- Naannoon Gaambeellaa lammiilee naannoo Amaaraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa akaakuu fi Birrii miiliyoona 3 taasise.

Preezdaantiin Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluu waraana gareen shororkeessaa ABUT baneen lubbuun lammiilee nagaa hedduun yoo darbuu baay’een isaanii qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibsaniiru.

Balaa garee shororkeessaa kanaan biyyattiirratti aggamame qolachuuf hojii hojjetamu ummannii fi mootummaan Gaambeellaa deeggarsa gama maraa taasisuu kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Ittaanaan Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Geetaachoo Jaambar gamasaaniin, rakkoon nu mudatus ummaanni Ityoophiyaa nu waliin waan jiruuf ni ijifanna jechuu ragaan waajjira Seekiretariyaat Preesii Mootummaa Naannoo Gaambeellaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.