Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Beenishaanguul Gumuzii fi Bulchiinsi Biluu Naayiil misooma daangaa waloorratti mari’ataaa jiru

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Naannoon Beenishaanguul Gumuzii fi Bulchiinsi Biluu Naayiil misooma daangaa waloorratti magaalaa Asoosaatti mari’ataaa jiru.
Jilli Preezdaantii Bulchiinsa Biluu Naayiil Jeneraal Ahimad Al’umdaan durfamu guyyaa kaleessaa naannoo Beenishaanguul Gumuz magaalaa Asoosaa galuun kan yaadatamuudha.
Naannoleen lamaan waggoottan darban dhimmoota misoomaa fi nageenyaarratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaa turaniiru.
Waltajjiii har’aanis hojiilee darban gamaaggamuun hojii waloon hojjetaman haala cimsuun danda’amurratti mari’atu jedhame.
Waltajjii kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi Biiroo Bulchiinsaaf nageenyaa naannichaa argamuu isaanii ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.