Naannooleen Oromiyaa fi Giddugaleessa Itiyoophiyaa dhimmoota nageenyaarratti mari’ata jiru
Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Naannooleen Oromiyaa fi Giddugaleessa Ityoophiyaa dhimmoota nageenya naannawaa daangaarratti Magaalaa Buttaa Jiraatti mari’achaa jiru.
Maricharratti Qondaaltoonni Bulchiinsaaf Nageenyaa naannoolee lameenii argamaniiru.
Kayyoon marichaa dhimmoota nageenyaarratti qindoominaan hojjechuun, nageenya hawaasa naannawaa daangaa jiraatanii eegsisuu fi nageenya waaraa mirkanneessuuf akka ta’e eerameera.
Marii kanaan fiinxalessummaa waloon ittisuuf kallattii fuulduraa ni kaa’uun kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshiini Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Marichi qindeessummaa Ministeera Nageenyaan kan qophaa’ee ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.