Fana: At a Speed of Life!

Naannooleen duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoof qophii xumuruu beeksisan

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) – Naannooleen garaagaraa duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sadarkaa biyyaatti Hagayya 17, 2016 gaggeeffamuuf qophii xumuruu beeksisaniiru.

Naannoon Oromiyaa, Kibbi Itiyoophiyaa fi Gaambeellaan bakka dhaabbii fi gosa biqiltuu dhaabamuu dabalatee qophii barbaachisu xumuruu ibsaniiru.

Biqiltuu bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiru keessaa % 60 biqiltuu Kuduraa fi Mudraa akkasumasa kanneen faayidaa diinagdee olaanaa qaban ta’uu himameera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Hagayya 17, 2016 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuun ashaaraa keenya haa keenyu jechuun ergaa dabarsuu hordofee naannoleen qophii barbaachisu xumuraa jiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.