Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee lameen walitti bu’iinsa mariin furuuf waliigalan

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC)- Walitti bu’iinsa naannawaa daangaa naannolee Afaar fi Somaaleetti mudatan mariin furuuf waliigalteerraa ga’uu Pireezidaantooni Naannolee lameenii ibsan.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa fi Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad walitti bu’iinsa naannawaa daangaa naannolee lamaanitti mudatan mariin furuuf waliigaluusaanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Walitti bu’iinsaa mudatan karaa nagaan furuuf bakka qondaaltonni mootummaa federaalaa fi naannolee olaanoon argamanitti mariin taasifamuusaa dubbataniiru.

Fuuldurattis wantoota walitti bu’iinsaaf sababa ta’an adda baasuun furmaata waloo akeekuuf waliigalteerra ga’uu ibsuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.