Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee kamuu keessatti lammiilee nagaarratti miidhaan qaqqabu dhimma Ityoophiyaanoota hundaati – Preezdaant Shimallis Abdisaa

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Naannoolee kamuu keessatti lammiilee nagaarratti miidhaan qaqqabu dhimma Ityoophiyaanoota hundaati jedhan Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan.
Iddoowwan garaa garaatti gocha shororkeessummaa raawwatame Koreen hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa balaaleeffachuu miseensi koree hojii raawwachiiftuufi Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa himaniiru.
Gochi shororkessittoonni raawwatan gonkumaa fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsaniiru.
Gareewwan shororkessaa kunneen miidhaa qaqqabsiisan dhaabsisuuf kallattii kaa’ameen tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee itti fufa jedhan.
Oppareeshiniin eegalameen guyyoota darban keessattis bu’aawwan jajjabeessaa argameera. Ummannis gurmaa’ee naannnoo isaa eeguun qaamoota kana saaxilaa jira. Jalqabbiin kun cimee akka itti fufuufi Ityoophiyaa gara nageenya guutuutti ceesisuuf hojiin eegalame ariitii akka raawwatamu waliigalteerra gahamuu Obbo Shimallis dubbataniiru.
Naannoolee kamuu keessatti lammiilee nagaarratti miidhaan qaqqabu dhimma Ityoophiyaanoota hundaati kan jedhan, Ityoophiyaanonni tokkummaa isaanii eeganii humnoota diina biyyaa ta’an waliin ta’uun falmachuu qabu jedhaniiru.
Humni shororkeessaa Shanee tibba kana gocha shororkeessummaa raawwates Ityoophiyaanota wal nyaachisuuf kan kaayyeeffate ta’uu kaasaniiru.
Diinoota Ityoophiyaa kunneen karaa tasgabbaa’een faayidaa Ityoophiyaa karaa hin miineen tokkummaa isaanii itti fufsiisuu qabu.
Humnoonni mo’amaan kunneen daa’imman, jaarsoleefi haadholee irratti gochi gara jabinaa raawwatan aadaa Ityoophiyaa keessa kan hin jirreefi kan nama qaaneessu akka ta’e himaniiru.
Hojii ummata mariisisu, tasgabbeessuu hojjetamaa jira kan jedhan Preezdaant Shimallis, hundaa ol diinni akka fedhe akka hin sochoone gochuuf oppareeshinii bal’aa gaggeeffamaa jira jedhan.
Ummanni akka gurmaa’u, dammaquu, iddoo jiruutti akka of eegu taasifamaa jira. Humni nageenyaa ammoo odeeffannoo ummanni keennu giddugaleessa godhachuun tarkaanfii fudhachaa akka deemu taasifamaa jiraachuu isaa dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.