Naannoo Uummattoota Kibbaatti lammiilee miiliyoona 1.5’f talaalliin Covid-19 kennamufi jedhame
Finfinnee, Sadaasa19, 2014 (FBC)- Naannoo Uuummattoota Kibbaatti sadaasa 10 hanag 19, 2014tti lammiilee Miiliyoona 5 fi kuma dhibba 5 oliif talaalliin Vaayrasii Koroonaa kan kennamu ta’uu Biiroon Eegumsa Fayyaa Naannoo Uummattoota Kibbaa beeksiseera.
Biirichi talaallii Vaayrasii Koroonaa ilaalchisee magaalaa Walaayittaa Sooddootti marii gaggeessaa jira.
Miidhaa vaayrasiin kun qaqqabsiisaa jiru ittisuuf tooftaalee ittisaa hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu Itti aanaan biirichaa obbo Mannaa Makuriyaa marichaan kaasaniiru.
Talaallii Vaayrasii Koroonaa fudhachuun tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Sadaasa 10 hanag 19, 2014tti lammiilee Miiliyoona 5 fi kuma dhibba 5 oliif talaalliin Vaayrasii Koroonaa kennamuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Milkaa’ina duula talaallii kanaaf miidiyaalee fi dameen koominikeeshinii hawaasaaf hojii hubannoo uumuu hojjechuun ga’ee isaanii akka ba’atan dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.