Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Uummattoota Kibbaa aanaalee 43 keessatti Koleeraan mul’achuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC) –  Naannoo Uummattoota Kibbaa aanaalee 43 keessatti dhibeen Koleeraan mul’achuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichaa beeksiise.

Dhibichi lubbuu namoota 60 galaafachuu Daayrektaarri Olaanaan Inistiityuutichaa Obbo Maammush Huseen Faanaa Biroidkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Namoonni kumni 5 fi 244 dhibichaan qabamuu himaniiru.

Giddu galli yaalaa 56 hundaa’uun namoota kuma 5 fi 83 yaalli barbaachisu taasiifamuun gara manaa deebi’uu dubbataniiru.

Hanga ammaatti namoota miiliyoona 2.3 talaalliin laatamuu fi aanaaleen 12 dhibicharraa bilisa ta’uu eerameera.

Masaafinti Iyyaayyutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.