Naannoo Ummattoota Kibbaatti mariin sababa hir’achuu qabxii kutaa 12ffaarratti xiyyeeffate gaggeeffame
Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti mariin sababoota hir’achuu qabxii kutaa 12ffaarratti xiyyeeffate magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeeffameera.
Marii kanarratti Pireezidaantii naannichaa Obbo Ristuu Yirdaaw dabalatee hoggantoonni olaanoo naannichaa,Godinaalee, Aanaalee Addaa fi magaalootaa hirmaataniiru.
Marichaan booda barattoota bara barnootaa 2014 keessa qormaata kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessaniif sirni beekkamtii fi badhaasaa kan laatamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.