Naannoo Tigraayitti qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 8ffaa boruu eegalee ni kennama jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti qormaanni sadarkaa naannoo kutaa 8ffaa boruu eegalee kan kennamu ta’uu Biiroon Barnootaa Bulchiinsa yeroo naannichaa beeksise.
Barattoonni kumni 60 qormaata kutaa 8ffaa kana kan fudhatan ta’uu Daayrektarri madaallii fi qormaatilee naannichaa Obbo Kinfee Fissahaan ibsaniiru.
Aanaalee naannichaa 78 keessatti qormaata kutaa 8ffaa boruu eegalee laatamuuf qophii ga’aan taasifamuu dubbachuu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.