Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti dhiyeessa deeggarsa namoomaa fi tajaajila eegalchiisuu ilaalchisee ibsa mootummaarraa laatame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti dhiyeessa deeggarsa namoomaa fi tajaajila eegalchiisuu ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laateera.

Raayyaan Ittisaa tibbana magaaloota naannoo Tigraay muraasa to’achuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Raayyaan Ittisaa naannawaa magaaloota kanneeniin waraanni akka hin gaggeeffamne tattaaffii taasiisaa jiraachuu ibseera.

Kanaanis lammiileen nagaa akka hin miidhamneef tattaaffin taasiifame milkaa’aa kan ture ta’uu tajaajilichi ibsa baaseen himeera.

Raayyaan ittisaa yeroo ammaa magaalaan alatti lola gaggeesseen magaaloota akka Shiree, Allaamaaxaa fi Kooram to’achuu danda’uu ibseera.

Raayyichi tilmaama ololaa badaa gareen Shororkeessaa ABUT raagaa ture hambisuu danda’uus ibsichi kaaseera.

Mootummaan Ityoophiyaa magaalota to’annoo jala oolaan kanneenitti dhaabbilee deeggartootaa waliin tumsaan hojjechuuf qophii barbaachisu taasiisuu ibseera.

Dhaabbileen kanneen waliin ta’uun daandii deeggarsi namoomaa itti dhiyaachuu danda’u babal’isuuf qophii taasiisuu himeera.

Daandii Goondarii hanga Shireetti jiru dabalatee karaa Kombolchaa – Dassee- Waldiyaa – Qobboo – Allaamaaxaa banuun qophii barbaachisu hunda taasiisuu kaaseera.

Qophiin taasiifamu qorannoo Teeknikaa fi Madaallii dabalatee naannawaa sababa walitti bu’iinsaan miidhamanitti tajaajiloota bakka duraatti deebisuuf hojiilee barbaachisan kan hammatu ta’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.