Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraay deebisaanii dhaabuuf sagantaan qophaa’ee hojiitti galameera – obbo Dammaqaa Makonnoon

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC) – Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraay xumuramuu hordofee mootummaan naannicha deebisee dhaabuuf saganteeffatee gara hojiitti galuu itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin dubbataniiru.

Lammiilee kutaa biyyaattii garaagarraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf sagantaan galii walitti qabuu biyyoota adda addaatti intarneetiin gaggeeffamaa ture xumurameera.

Cufiinsa qophichaarratti kan argaman obbo Dammaqaan mootummaan humnoota yakka biyya ganuu raawwatan irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi biyya baraaruuf hojjechaa turuu ibsuun, hojii hojjetameen awwaalchi garee juuntaa xumuramuu fi harcaatuun isaanii to’annoo jala oolfamaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee Ityoophiyaa fi dhalootaan Ityoophiyaa biyyaa alaa jiraatan hirmaannaa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an deebisanii dhaabuuf taasisan galateeffataniiru.

Ministir Deettaan ministeera dhimma alaa aadde Burtukaan Ayyaanoos Ityoophiyaanootaa fi dhalattoota Ityoophiyaa Biriitaaniyaa jiratan deeggarsa maallaqaa,beekkumsaa fi t ce’umsa teeknooloojiif gumaacha olaanaa taasiisan galateeffataniiru.

Daayreektarri olaantuun Ejansii Diyaaspooraa aadde Salaam Daawwit gama isheen hirmaannaa hunda galessaa hawaasa diyaaspooraa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.