Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigiraay naannawaa ABUT jalaa walaba ba’anitti deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf qophii gahaan taasifameera-Koricha

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Naannoo Tigiraay naannawaa garee shororkeessaa ABUT jalaa walaba ba’anitti deeggarsa namoomaa saffisaan akka qaqqabuu taasisuuf qophii gahaan taasifamuu Koreen deeggarsa namoomaaf hundaa’e beeksise.

Deeggarsa namoomaa qindoominaa fi saffisaan qaqqabsiisuuf mootummaan ejjennoo hinraafamne akka qabu ibseera.

Dhiyeessii deeggarsa namoomaa saffisiisuuf Waajjira Muummee Ministiraa, Ministeera Dhimma Alaa, Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaarraa koreen hundaa’ee hojii eegaleera.

Walitti Qabaan Korichaa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen naannawaa Raayyaan Ittisaa to’atetti, deeggarsa namoomaa saffisaan dhiyeessuuf mootummaan xiyyeeffannaa olaanaan hojii eegaluu ibsan.

Korichi qophii jiru ilaalchisuun marii gaggeesseen naannawaa garee shororkeessaa ABUT jalaa walaba ba’anitti deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qophii gahaan taasifamuu mirkaneessaniiru.

Buufata Xiyyaaraa Shiree gargaaramuun dhiyeessiin deeggarsa akka dabalu Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reeduwaan Huseen dubbataniiru.

Deeggarsa namoomaa qindoominaa fi saffisaan dhiyeessuuf ejjennoon mootummaa kan hinraafamneedhas jedhaniiru.

Haaluma kanaan korichi karoora yeroo gabaabaa fi dheeraatti hojiirra oolaan adda baasuun qindoominaan akka hojjetu eeranii, naannawaa walaba bahaanitti caasaa mootummaa gurmeessuun dhiyeessii deeggarsaa qindaa’aan akka qaqqabu ni hojjetamas jedhaniiru.

Kallattiin mootummaan kaa’e sirrii ta’uu kan akeekaan miseensonni korichaa, murtecha hojiirra oolchuuf damechaan qaamolee dhimmichi ilaallatu qophii gahaa taasisuu hubachiisaniiru.

Naannawaa garee shororkeessaa ABUT jalaa walabooman deeggarsi namoomaa utuu hingufanne qaqqabsiisuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru.

Mootummaan dhaabbilee deegarsa namoomaa waliin qindoominaan deeggarsicha dhiyeessuuf daandiilee dandeessisan bal’isaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kaleessa ibsuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.