Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti Piroojektiin Jallisii lafa hektaara kuma 100 fi kuma 12 ol misoomsuu danda’u qoratamaa jira – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC) – Naannoo Somaaleetti Piroojektiin Jallisii lafa hektaara kuma 100 fi kuma 12 ol misoomsuu danda’u qoratamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Hojiin qorannoo bu’uura misoomaa fi Dizzaayinii gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a Piroojektii misooma jallisii Godina Shabalee Godee eebbisiisuun hojii eegalaniiru.

Naannoon Somaalee lafa jallisiin misoomuu danda’uun kan badhaate ta’uu Dooktar Abrahaam himaniiru.

Piroojektiin Godee kun lafa hektaara kuma 27 fi 600 kan misoomsuu fi lammiilee kuma 53 ol fayyadamoo kan taasisu ta’uu himaniiru.

Naannoon Somaalee lafa jallisiin misoomsuu danda’u hedduu qabaattus yeroo amma lafti hektaarri kumni 3 fi 500 qofti misoomaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.