Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti mariin ummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC)- Qopheessummaa Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Somaaleetiin aanaalee, godinaalee fi magalotaa naanichaa hundatti dhimmoota garaagaraarratti mariin ummataa gaggeeffaamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshiniin Naannichaa beeksise.

Hogganaan Biirichaa Obbo Abdulqadir Rashaad akka ibsanitti, haala yeroo biyyattii fi naannichaa, riifoormii humna addaa, oomishaa fi omishtummaa qonnaa, nageenyaa fi tasgabbii, maaddii guutuu, Ashaaraa Magariisaa, galii fooyyessuu, qulqullina barnootaa, kenniinsa tajaajilaa akkasuma gaaffilee misoomaa ummataarraa ka’an irratti marii bal’aan kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin sababa roobaatii laggeen guutaanii godinaalee Shabalee, Afdeer, Liibanii fi Daawwaatti miidhaa lammiileerraan geessisee fi deeggarsa taasifamaa jiru qondaaltonni daawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Lammiilee naannawaa laggeenii jiraatan miidhaa irraa ittisuuf, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humna qilleensaa waliin ta’uun hojiin lammiilee bakka biraa qubsiisuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Marichaan boodas gaaffilee ummatarraa ka’an adda baasuun mootummaan naannichaa furmaata akka kennu Obbo Abdulqaadiir dubbachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.