Naannoo Somaaleetti lammiilee deeggarsa barbaadan kuma 83f deeggarsi raabsamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 3, 2016 (FBC) – Naannoo Somaaleetti lammiilee deeggarsa barbaadan kuma 83 oliif deeggarsi midhaan nyaataa raabsamaa jiraachuu Hoggansi Sodaa Balaa naannichaa beeksise.
Lammiilee sababa garaagaraan qa’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aaniif deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachuu hogganaan biirichaa Obbo Ahimad Yaasiin ibsaniiru.
Lammiilee deeggarsa midhaan nyaataa barbaadan kuma 83 oliif deeggarsi midhaan nyaataa raabsamaa jiraachuu eeruu miidiyaan naannichaa gabaasera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.