Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti Konkolaattoonni kumni 4 ol deeggarsa Boba’aa fayyadamuuf galmaa’an

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti Konkolaattoonni kumni 4 ol deeggarsa Boba’aa fayyadamuuf galmaa’uu Biiroon Daldalaa fi Geejjibaa naannichaa beeksiiseera.

Konkolaattoonni Tajaajila Geejjiba hedummataa Ummataaf laatan kumni 3 ol hojmaata deeggarsa Boba’aa fayydamuu eegaluu isaanii ibseera.
Konkolaattoonni tajaajila geejjibaa kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qaban tajaajilan kumni 3 fi 375 to’annoo taarifaa fi raabsaarratti hundaa’uun hojjechaa jiraachuu eereera.

Buufataalee Boba’aa filataman 91 Abbootii Qabeenyaa fi konkolaachiftoonni tajaajila uummataa kennan raawwii sirna kaffaltii boba’aa Teelee Birrii hojiirra oolaa jirurratti hubannoo gahaa akka qabaatan hojjetamaa jiraachuu himeera.

Guyyoota 60 keessatti konkolaattoonni kumni 53 ol gama Teelee Birriin deeggarsa boba’aa fayyadamuu fi gurgurtaan Birrii biiliyoona 1 gaggeeffamuu Ityoo Teeleekoomitti Itti gaafatamaan Diiviizyiinii Maallaqa Moobaayilaa obbo Biruuk Adaanaan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.