Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” irraa galiin Birrii miiliyoonni 400 walitti qabame

Finfinnee, Eebla 28, 2015(FBC)- Naannoo Somaaleetti kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” irraa galiin Birrii miiliyoonni 400 walitti qabamuu ibsame.

Maallaqichi kallattiin galii kan taasifameefi waadaa dhaabileen garaagaraa galanirraa kan walitti qabame ta’uu ibsameera.

Naannichaatti sagantaan Kitaaba Dhaloota Ida’amuu gaggeeffamaa jiraachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Saganticharratti pireezidaantii naannichaa Obbo Muusxafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni naannichaa biroon, jaarsoliin biyyaa, hayyoonniifi qaamoleen dhimmatootaa biraan argamuu eerameera.

Dhaloonni aadaa dubbisuu akka gabbifatuufi Kitaaba Dhaloota Ida’amuu dubbisuun kitaabicharraa beekumsa hedduu horachuu akka qabu Obbo Muusxafeen dhaamaniiru.

Galiin gurgurtaa kitaabichaarraa argamu magaalota gurguddoo naannichaa keessatti ijaarsa giddugala dargaggootaaf kan oolu ta’uu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.