Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti galiin Birrii biiliyoona 12.2 ol walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 11’n darban galiin Birrii biiliyoona 12.28 walitti qabamuu Biiroon Galiiwwanii naannichaa beeksise.

Biirichi Amabaasaddaroota taksiif sagantaa beekkamtii kennuu qopheesserratti Pireezidaantii Ittaanaan naannichaa Ibiraahiim Usmaan akka ibsanitti, bu’aa olaanaa galmaa’eef gaheen kaffaltoota gibiraa olaanaadha.

Karoora naannichaa fuulduree milkeessuufis gahee isaanii akka bahatan hubachiisan.

Pirojektoonni misoomaa naannichatti gaggeeffamaa jiranii cimee akka itti fufaniif gibira sirnaan kaffaluun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Hogganaan Biiroo Galiiwwannii naannichaa Mahaammad Abdii Umar gama isaaniin, sirna galii walitti qabuu fooyyessuu fi ammayyeessuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Bara baajataa 2016 galii Birrii biiliyoona 16 walitti qabuuf karoorfameen baatiiwwan 11’n darbanitti Birrii Biiliyoona 12.28 walitti qabamuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.