Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaalee fi Tigraayif deeggarsi meeshaalee qulqullinaa laatame

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Mootummaan federaalaa naannoo Somaaletiif deeggarsa meeshaalee qulqullinaa Birrii miiliyoona 15 laate.

Itti aanaan preezdaantii naannoo Somaalee obbo Adam Faaraah deeggarsa saanitaayzarii, alkoolii, haguuggii afaanii fi funyaanii, saamunaa, meeshaa ho’ina adda baasu isaanif taasifameef galateeffataniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinneetis naannoo Tigraayif deeggarsa haguuggii afaanii fi funyaanii, gwaantota harkaa, saanitaayzaroota tilmaama Birrii miiliyoona 1.1 qaban laatera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.