Naannoo Sidaamaatti sagantaan eegalchiisa tajaajila kenna tola ooltummaa dargaggootaa waqtii gannaa gaggeeffame
Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti sagantaan eegalchiisa tajaajila kenna tola ooltummaa dargaggootaa waqtii gannaa gaggeeffameera.
Sagantaa tajaajila kenna tola ooltummaa dargaggoota waqtii gannaa har’a Gudumaaleetti eegalameerratti Kaantibaa magaalaa Hawaasaa gargaaraa Proofeesaraa Tsaggaayyee Tukkee dabalatee hoggantoonni kutaalee magaalaa, dargaggoonnii fi qooda fudhattoonni hirmaachuu eeraniiru.
Sagantaa tajaajila kenna tola ooltummaa dargaggootaa waqtii gannaa bara kanaarratti dargaggoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 28 ol kan hirmaatan ta’uu ibsameera.
Hojiin Birrii miiliyoona 80 tilmaamamu kan hojjetamu ta’uu Kaantibaa magaalaa Hawaasaa gargaaraa Proofeesaraa Tsaggaayyee Tukkee himuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii magaalaa Hawaasarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.