Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti hojimaata badaan walqabatee namoonni 25 to’ataman

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Naannoo Sidaamaatti gamaagamaa guyyoota 10’f gaggeeffameen namoonni 25 hojiimaata badaa fi hannaan to’annaa jala oolfamuun ibsame.

Dabalataanis namoonni 10 hoggansa irraa akka kaafaman taasifamuun eerameera.

Naannichatti waltajjiin gamaaggama raawwii hojiilee mootummaa fi Paartii bara 2015 fi karoora bara 2016 gaggeeffameera.

Waltajjichaarrati Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Dastaa Leeddaamoon, bara darbe dameele, qonnaan, fayyaan, seektara barnootaa fi hojiilee misoomaan bu’aan argamuu ibsaniiru.

Waltajjichaan dura hawaasa irraa ragaalee argaman bu’uureffachuun namoota shakkaman adda baasuu ibsuun, Magaalaa Hawaasa keessaa hojimanni badaa fi hanni jiraachuu Obbo Dastaan eeraniiru.

Qorannoo taasifameen namoota 97 dhiyyeessii xaa’oon walqabatee seeraaf akka dhiyaatan taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.