Naannoo Sidaamaatti hojiin humna addaa irra deebiin gurmeessuu xumuramaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Naannoo Sidaamaatti hojiin humna addaa irra deebiin gurmeessuu xumuramaa jiraachuu ibsameera.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa obbo Alamaayyoo Xiimootiwoos, hojiin humnoota addaa naannolee irra deebiin gurmeessuu ilaalchisee akka biyyaatti marii bal’aan taasifamuun gara hojiitti galamuu eeraniiru.
Naannichattis dhimmicharratti hoggansaafi miseensota humna addaa naannichaa waliin mari’achuun barbaachisummaa isaarratti waliigalamuu eeruun, gara hojiitti galamuu kaasaniiru.
Bu’uura hojiimaata biyyaalessaa kaa’ameen nageenya uummataaf jecha caasaa nageenyaa biyyaalessaa ijaaruun barbaachisaa akka ta’e itti amanamuu addeessaniiru.
Bu’uura qoratameefi waliigaltee hoggansaafi miseensota humna addaa naannichaa bu’uura godhachuun hojiin irra deebiin humna addaa naannichaa gurmeessuu yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’uu ibsaniiru.
Tamasgeen Bulbulootu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.