Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti balaa Sigiga lafaa fi guutinsa bishaanii mudateen lakkoofsi namoota du’anii 11 gahe

Finfinnee, Adoolessa 22, 2016 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti balaa Sigiga lafaa fi guutinsa bishaanii tasa mudateen lakkoofsi namoota du’anii 11 gahuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa beeksiise.

Aanaa Wenshootti balaa sigiga lafaa mudateen namoonni 9 yoo du’an, namoota 6 irra miidhaan qaqqabuun yaalamaa jiraachuu komishinichi ibseera.

Aanaa Buraatti ammoo Bishaan guutuun lubbuu daa’imman lamaa galaafachuu Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Sidaamaa Abarraa Wiilaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Balaan walfakkaatu naannawaa adda addaatti mudachuu waan maluuf hawaasni of eeggannoo cimaa akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Birhaanuu Bagaashaawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.