Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti baatiwwan salgan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 3.9 walitti qabame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti baatiwwan salgan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni 3.9 walitti qabamuu ibsameera.

Naannichatti Kaffaltoota gibiraa adda duree bara darbee 21f beekkamtii fi waraqaan ragaa kennameera.

Gibira karaa sirriin walitti qabuun gaaffii misoomaa fi Bulchiinsaa gaarii ummataaf deebii laachuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dassitaa Leeddaamoon hubachiisaniiru.

Bara baajataa 2014 Galii Birrii biiliyoona 5.5 walitti qabuuf karoorfamee hanga ammaatti Birrii biliyoonni 3.9 walitti qabamuu hogganaan Abbaa Taayitaa Galiiwwanii naannichaa obbo Hayiluu Gudhuuraan himaniiru.

Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii biiliyoona 1.2 caalmaa qabaachuu eeraniiru.

Jamaal Kadiroo fi Tamasgeen Bulbulootu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.