Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Sidaamaatti ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaa kabajamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Naannoo Sidaamaatti ayyaanni injifannoo Adwaa 125ffaa qophii garagaraan kabajamaa jira.
Ayyaanichi feestivaalaa aadaa Sidaamaa waliin kabajamaa kan jiru wayita tahu, ayyaanicha ilaalchisuun aadaa sidaamaa kan beeksisan meshaalee garagaraa fi uffata akkasumas nyaatni aadaa Sidaamaa daawwattootaf dhiyaateera.
Ayyaanicha ilaalchisuun injifannoo Adwaa kan ibsu sanadni hayyootaan dhiyaatee irratti marii’atameera.
Ayyaanicharratti preezdaantii naannichaa obbo dastaa Leedaamoo qaamooleen bulchiinsaa aanootaa fi magaaloota irraa walitti baba’an fi bakka buutoota naannoo Oromiyaa fi Kibbaa akkasumas, keessummoonni waamichi tahefi hirmaachaa jiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.