Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Gandootaa hojii tajaajila lammummaan ijaaramaa jiru

Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Gandootaa hojii tajaajila lammummaan ijaaramaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaatti Uummata fayyadamaa taasisuuf caaseffama gurmaa’insa Gandaa bifa haaraan hojiirra oolcheera.

Kanaanis sadarkaa Gandaatti dhaabbileen Mootummaa ijaaramaa jiru.

Kaayyoon caaseffama Gurmaa’insa haaraa kanaas rakkoolee kenna tajaajilaa mul’atan bu’uura irraa furuun tajaajila ammayyaa’aa, haqa qabeessaafi ariitii yeroon barbaaduun kennuun itti quufiinsa uummataa mirkaneessuu ta’uu himameera.

Uummatatti dhiyaachuun deeggarsi ogummaafi bulchiinsaa uummata keessa oolamee buluun jijjiirama uummatni barbaadu gonfachiisuufi badhaadhina maatii mirkaneessuu bu’uura kan godhateedha jedhame.

Uummatni naannoo Oromiyaas dhaabbileen mootummaa sadarkaa Gandaatti hundaa’e gammachuun simachuun hoggansaafi ogeessa simatee waajjiraalees ijaarrachaa jira.

Ogeeyyii fi hoggansi sadarkaa Gandaatti ramadamanis aantummaa uummataa qaban mirkaneessuuf kutannoon uummata keessa oolanii buluun ce’uumsa amansiisaaf bu’uura kaa’aa jiru.

Jiraattonni Godina Booranaa Aanaalee garaa garaas murtee kana gammachuun simachuun ijaarsa waajjira Dhaabbilee Mootummaa sadarkaa Gandaa ofiin ijaarrachaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.