Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti talaaliin Kaansarii Fiixee Gadameessaa kennamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaa godinaalee fi magaalotatti talaaliin ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa kennamaa jira.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti shamarran umrii waggaa 9 hanga 14 jidduu jiraniif kennamuu eegaleera.

Duulaa kanaan magaalattiitti shamarran kuma 40 oliif talaallichi kan kennamu ta’uu Itti Gafaatamaan Waajjiraa Fayyaa Magaalaatti Obbo Sulxaan Huseen himaniru.

Kaansariin Fiixee gadameessaa vaayirassii “Human Papilloma virus” jedhamuun kan dhufuu yoo ta’uu dursanii talaallii fudhachuun miidhaa vaayirasichi fuulduratti qaqqabsiisuu danda’u hambisuu keessatti, gahee olaanaa qabachuu eeraniiru.

Magaalattitti bara 2016 dubartoota qorannoon kaansarii fixee gadameessaa irratti gaggeeffame keessaa 227 vaayirasichaf saaxilamuu yaadachiisaniiru.

Hojiin qorannoon adda baasuun wal’aanuu baranas hojjatama jiraachuu himaniiru akeekaniiru.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.