Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti qamadiin jallisiin oomishamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2012 (FBC) – Godinaalee Oromiyaatti qamadiin jallisiin oomishamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa Oromiyaa beeksise.
 
Akka ragaan biirichaa argame muli’sutti jallisii boneen godina Arsii fi Shawaa Bahaatti qamadiin oomishamaa jira.
 
Godina Arsiitti oomisha jallisii marsaa 1ffaan callaa kuntaala Kuma 45 argachuuf hojjetamaa jira jedhame.
 
Aanaalee godinichaa Jajuu, Martii fi Sireetti lafti heektaarri 801 kan misoome yoo ta’u, abbootiin warraa kumni 11 fi 200 fayyadamoo ni ta’u jedhame.
 
Bifuma walfakkaatuun godina Shawaa Bahaa aanaa Booseettitti lafti heektaarri 285 qamadiin misoomaa jira.
 
Akkasumas aanaa Fantaaleettis qamadiin Gammoojii jallisiin oomishamaa akka jiru ibsameera.
 
Aanichatti lafti heektaarri 285 kan misoome yoo ta’u abbootii warraa 551 fayyadamoo ta’aa jiru jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.