Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Projektoonni 3,981 Birrii biiliyoona 4.8 oliin hojjatamaa ture xumuramuun sadarkaa eebbaaf gahee jira

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Projektoonni 3,981 Birrii biiliyoona 4.8 oliin hojjatamaa ture xumuramuun sadarkaa eebbaaf gahee jira.

Hojiilee gama hundaan hojjatamaa turan keessaa hojilee bu’uuraalee misoomaa garaagaraa Haala nageenyaa fi fayyummaa Ummata irratti Hoogganaan Biiroo Dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Geetachoo Baalchaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Naannoo Oromiyaatti dhimmoota sadi irratti xiyyeeffachuun ibsi kun kan kenname yoon ta’u hojiilee gama porojektiitin jiran irratti adda durummaan hojjatamaa kan tureefii projektoota ammaan dura harkifachaa turan irratti qorannoo bifa saayinsawaatin deeggaramuun hanqinaa jiru adda baasuun bara kan porojektii 3,981 Xumuramuun sadarkaa eebbaa irra gahuu obbo Geetachoo Baalchaa ibsaniiru.

Jijjiiramni biyya Kenya keessatti argame diinagdee fi hawaassummaa jijjiiarama haaraa galmeessuu karaa danda’uun utubamuu qabas jedhan.porojektoota daran xiyyeeffannoon itti kennamee hojjataman keessaa fayyaa,barnootaa fi qonnarratti xiyyeeffannoon itti kennamee hojjatamaa jiraachuun ibsameera.

Projektoonni harkifannaa keessatti akka hin galleef ji’a waxabajjii irraa eegalee caalbasiin bahuun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjachuuf kilaastaraan qoqqoodamee hojjatamaa jiraachuu obbo Geetachoon kan ibsan.

Kaayyoon guddaan porojektootaa eebbisisuu qofa osoo hin ta’in bu’a qabeessummaa inni Ummataaf buusuun kan madaalamu ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inaa Hojiilee misoomaa bara kanaatif ka’uumsa kan ta’e kilaastara saditti qoodamuudhan ta’uun ibsameera.Kilaastara hawaasummaa, kilaasatara diinagdee fi baadiyaa irra hooggantoota sadarkaa itti aanaa pireezidaantiitti jiraniin ebbi porojaktoota xumuramanii guyyaa har’aa irraa eegalee kan gaggeefamu ta’uus obbo Geetachoon ibsaniiru.

Hojiilee damee kilaastaraan Hawaasummaatin hojjatamaa keessaa Hospitaalli 12 bajata mootummaa fi deeggarsa uummataatin hojjatamaa ture ximuramee jira.Manniin barnootaa sadarkaa lammaffaa 36 fi manni baruumsa darkaa 1ffaa 1 xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’eera jedhan.Hojii hojjatamu hunda keessatti qulqillinarratti xiyyeeffannoon guddaan kan itti kennamu ta’us ibsaniiru.

Buufata atileetii akka damee fayyaatti ilaaluun kan hojjatamaa ture ta’uu ibsuun buufanni atileetii Booraa bajata mootummaa fi hirmannaa uummataatin hojjatamaa ture xumuramee jira jedhan.

Hojiilee gama kilaastara baadiyaatin hojjatamaniin jallisiiwwan gurguddoon 48 hojii keessa kan galee yoota’u jallisiin sadarkaa aanaaletti jiran heedduun hojjatamuus ibsameera.porojektii bishaanii 464 xumuramus kaasaniiru.

Qonna gannaatif lafti hektaara miliyoona 6 qopheessuun xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ibsuun bara itti aanuu kanatti oomisha miliyoona 36 ol argamsiisuuf hojjatamaa jiraachuu ibsan .Oomisha Bunaarrattis xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun qulqulinaan hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Gama biraatin biyyi Kenya biyya heeraa fi seeran bultu waan ta’eef mootummaa olaantummaa Sera kabachisiisuuf dirqama qaba kan jedhan obbo Geetaachoon Ummanni humnoota nagaa Ummata kallattii garaagaraatin jeequu barbaadan dura dhaabbachuun nageenya isaa tiikfachuu qabu jedhaniiru.

Akka Biiroon dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseetti, Qaama humna nageenyyaa irratti olola hin taanee miidiyaalee garaa garaa fayyadamuun hojii maqa balleesii hojjachaa jiran Ummanni adda baasee hubachuun nageenya isaa tikfachuu akka qaban obbo Geetaachoon Dhaamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.