Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti namoonni dabalataa 137 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 137 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
 
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 630 hojjetameen vaayrasichi namoota137 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,193 ga’eera.
Guyyaa jedhameetti lubbuun namoota 4 darbeera.
Waliigala Lubbuun namoota 147 darbeera.
 
Namoonni haaraan 65 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10,146 dandamataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.