Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffanaan hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannichaa beeksise.

Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Jeneraal Abbaabaa Garasuun akka ibsanitti, Naannoo Oromiyatti rakkooleen nageenyaa mul’achaa turan yeroo gara yerootti fooyya’iinsa argisiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenya qindoominaan hojjechaa jiru jedhanii, keessumaa garee shororkeessaa Shanee irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufuu kaasaniiru.

Naannawaalee garagaraatti miseensonni garichaa mootummaatti harka kennachaa jiraachuu fi miseensonni biroonis waamicha nagaa dhiyaateetti akka makaman dhaamaniiru.

Olaantumma seeraa kabachiisuu fi nageeyaa lammiilee mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaa jiran keessattis hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufuu dubbataniiru.

Naannawaa tokkoo tokkottis “Ukkaamsaan Jumlaa Raawwatamaa jira” jedhamee odeeffannoon tamsaa’aa jiru bu’uura kan hinqabne ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa walitti bu’iinsa mul’atan mariin furuuf ammallee kutannoo qabaachuu Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiif himaniiru.

Ummanni naannichaas nagaa akka barbaadu ibsuun, kanas hiriira tibbana gaggeeffameerratti mirkaneessuu yaadachiisaniiru.

Naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman qaamolee nageenyaa cina dhaabbachuun hawaasni gahee irraa eegamu akka bahatu gaafataniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.