Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii ariitiin dabalaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 17 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan samuudaa namoota 686 gaggeeffamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa beeksiseera..
Namoota kanneen keessaa 11 dhiirota, 6 ammoo dubartoota.
Umriin isaanii waggaa 10 hanga waggaa 74 keessatti argama.
Namoonni 12 seenaa imala alaa hin qaban.
Namoonni 5 seenaa imalaa qabu.
Namoonni 2 tuttuqaa qabu.
Namoonni 15 tuttuqaa hin qaban.
Namoota 17 keessaa 3 Harargee Bahaarraa, 2 Burraayyuu, 2 Hoolotaa, 2 Shawaa Lixaa, 1 Harargee Lixaa, 1 Shawaa Kaabaa, 1 Sulultaa, 1 Baalee Bahaa, 1 Baalee, 1 Godina Jimmaa, 1 magaalaa Jimmaa, teessoon nama 1qulqullaa’aa jiraachuu biirich beeksiseera.
Waliigalaan hanga ammaatti namoonni 23 dandamataniiru.
Namoonni vaayrasichaan qabaman 167 qaqqabera.
Yaalarratti kan argaman 139 yoo ta’an, waliigalaan lubbuun namoota 5 darbeera.
Hanga ammaatti waliigalaan qorannaan samuudaa namoota 12,499 hojjetameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.