Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti kunuunsa midhaniif keemikaalonni farra aramaa fi ilbiisotaa raabsama jira

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaan walqabatee kunuunsa taasisfamuuf keemikaalonni farra aramaa fi ilbiisotaa raabsamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Ittaanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Dajanee Hirphaa, yeroon facaasaa xumuramu hordofee qonnaan bultoonni midhaan oyiruurraa kunuunsuu qabu jedhan.

Keessumaa midhaan irratti aramaa, ilbiisotaa fi dhibeewwan mudachuu malaniif to’annoo fi hordoffii taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Biirichis aramaa fi ilbiisota midhaan irratti mudatan ittisuu fi to’achuufis qophii gahaan taasifamuu kaasanii, gama mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan keemikaalota farreen aramaa fi ilbiisotaa liitirri miiliyoonni 3 dhiyaachuu dubbataniiru.

Keemikaalli kunis naannawaa hundaatti raabsamaa jiraachuu Obbo Dajaneen FBC’f ibsaniiru.

Midhaanota irratti aramaa, ilbiisotaa fi dhibeewwan mudatan oomishtummaa irratti dhiibbaa waan qabaataniif qonnaan bultoonni eegumsa barbaachisaa akka taasisan, gorsa ogeeyyii qonnaa hojiirraa oolchuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.