Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Koreen Olaanaa Pirotokollii COVid-19 barnoota ilaallatu hundaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Koreen Olaanaa Pirotokollii COVid-19 barnoota ilaallatu hundaa’e.

Qophii barnootaa bara barnootaa 2013f taasifamaa jiru ilaalchisuun Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan ibsa kennaniiru.

Haala ittisaa fi too’annoo vaayrasii koroona waliin akka wal simu taasisuun barnoota eegalchiisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Koreen piratokollii COVID -19 barnoota ilaalchisu sadarkaa sadarkadhaan kan hundaa’e yommuu ta’u koreen olaanaa sadarkaa naannootti jiru preezdaantii naannichaan kan hogganamu ta’uus eeraniiru.

Koreen haala kanaan sadarkaa sadarkaan ijaarame qophii taasifamaa jiru ilaaluudhaan jalqabbii barumsaa murteessuu keessatti gahee olaanaa qabaa jedhameera.

Yeroo ammaa galmeen barattootaa naannoo Oromiyaatti 80% ol kan raawwate yemmuu ta’u kan hafe torbee kana keessatti ni raawwatamaa.

Jalqabbiin barumsaas marsaa 3n Onkololeessa 16, Onkololeessa 30 fi Sadaasa 15 ta’aas jedhameera.

Daree barnootaa dabalataa 33 ijaaramuu fi barsiisoota dabalataa hedduu hirmaachisuudhafis karoorfmeea hojjetamaa jiraa jedhaniiru.

Koreensadarkaa sadarkaadhaan hundaa’ees hojiin deeggarsaa fi too’annaan inni hojjetu manneen barnootaa dhuunfaas ni ilaallata.

Buzaalam Beenyaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.