Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Kompaayineroonni 380 ol sassaabbii oomishaarratti bobba’anii argamu jedhame

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) –Kompaayineroonni 380 ol sassaabbii oomishaarratti bobba’ee jiraachuu Biiroon Qonnaa fi qabeenya Uumamaaa Oromiyaa beeksise.
 
Jilli Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleen durfamu godina Arsii Aanaa Hexoosaa oomisha ga’e qonnaan bultoota waliin sassaabuun jajjabeessanii jiru.
 
Godina Arsiitti bara kana lafa hektaara kuma dhibba 5 fi kuma 85 misoomerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 21 kan eeggamu ta’uu ibsameera.
 
Obbo Dhaabaan sirna sassaabbii kanarratti argamuun akka ibsanitti bara kana akka Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 6.1 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 91 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhan.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa bara kana hojii qonnaa ceesisuuf deeggersa qonnaan bultoota taasiseen kombaayineroonni haaraan 80 ta’an sassaabbii oomishaaf dhiyeessuu isaa ibsuun, waliigala akka naannichaatti kombaayineroonni 380 ol hojii sassaabbii oomishaarratti bobba’ee jiraachuu Obbo Dhaabaan himaniiru.
 
Rakkoo gabaa oomisha qonnaan walqabatee jiru furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Keessattuu cancala faddaltootaa kutuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamaa jiraachuu obbo Dhaabaan eeraniiru.
 
Qonnaan bultoonni oomisha ga’e maloota sassaabbii adda addaatti gargaaramuun qisaasama malee akka sassaabbataniifi qaamoolen dhimmichi ilaallatu hundi deeggarsa akka taasiisan waamicha taasiisuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.