Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti hojjettoota kenniinsa tajaajilaa danqan kuma 18 fi 108 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Gamaaggamni kenniinsa tajaajilaa fi Karoora yeroo gabaabaa manneen hojii naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Itti aanaan preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin, kenninsi tajaajilaa biiroo irraa gara biirootti garaa garummaa qabaatus, kallattii ka’aame kabajuu, keessattuu guyyoota 3 tajaajilamtoota keessummeessuuf bahee raawwachuu irratti,tajaajilamaaf hatattamaan deebii kennurratti rakkoon ammas ni jira jedhaniru.
Rakkoowwan kun kurmaana hafan keessatti furamuu akka qabu ibsaniiru.
Hojjetoota Godinaalee kuma 16 fi 407,magaalaa kuma 1 fi 638,sadarkaa naannoo 63 waliigala hojjettoota kuma 18 fi 108 kenniinsa tajaajila danqan irratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.
Hojjettoota tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa kumni 1 fi 110 hoggantoota ta’uu ibsameera.
Tarkaanfiin fudhatamuu jalqabbii kan itti fufu ta’uu obbo Awwaluun ibsaniiru.
Daagmaawii Deeksiisaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.