Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Gabaasa Qorannoo Sa’aa 24 Darbeetiin Namoonni 156 Vaayrasii Koroonaan Qabamuu Ibsame

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 156 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 5007 hojjetameen vaayrasichi namoota 156 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 4624 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 41 darbeera.

Nammoonni haaraan 60 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1444 dandamataniiru.

Namoonni 8 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 3139 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 105335 gaggeeffameera

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.