Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii Pooliyoo Eebila 7 irraa eegalee ni laatama jedhame

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti duulli talaallii Pooliyoo daa’imman waggaa shanii gadii Eebila 7 irraa eegalee ni laatama jedhameera.

Naannichatti daa’imman miiliyoona 8 ta’aniif ni laatama jedhameera.

Duulli talaallichaa Eebila 7 hanga 10, 2014tti kan turu ta’uu eerrameera.

Daa’imman sababoota adda addaan guyyoota jedhame osoo hin talaalamiin hafan ammoo Ebila 11-12tti ogeessonni fayyaa mana manarra deemanii talaallicha kan laatan ni ta’a.

Hawaasni naannichaas yeroo karoorfame keessatti daa’imman isaanii akka talaalchifatan Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksisuu ragaan BDHKMON irra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.