Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti duulli manneen harka qalleeyyii 7500 ijaaruu eegaleera

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaa keessatti manneen harka qalleeyyii kuma 7 fi 500 ijaaruuf karoorri qabame eegalamuun eerameera.

Duulli kunis Godina Arsii Aanaa Dodotaa Magaalaa Dheeraatti eegaleera.

Sirnicha kan eegalchiisan Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Alamituu Umud, Naannoo Oromiyaatti hojiileen dubartoota fayyadamoo taasisuu fi harka qalleeyyii deeggaruu eegalame naannoolee biroofis fakkeenya waan ta’eef hojichi cimee akka itti fufu dhaaman.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu gama isaaniin, Oromoon duudhaa sirna Gadaan gabbifateen ‘Waamicha Harmeef’ taasifame simachuun guyyaa har’aa hojiin manneen harka qalleeyyii kuma 7 fi 500 ijaaruu eegaluu ibsan.

Sochii eegalames tumsuun ummanni tajaajila lammummaa cimsee akka itti fufu gaafachuu ragaan Biiroo Dhimmootaa Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ganna kana Manneen harka qalleeyyii kuma 7 fi 500 ijaaraman kunneen Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa fi Jarmiyaalee Dubartoota Oromiyaatiin kan gaggeeffamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.