Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti barana filannoowwan Investimantii kuma 3 fi 500 ol hojiitti hiikuuf murtaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC) –Komishiinin Investimentii Oromiyaa bara 2014 keessa filannoowwan Investimantii kuma 3 fi 588 hojiitti hiikuuf murteessuu beeksiise.
Komishinarri Komishinii Investimantii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan hojiilee Invastimanii naannichaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Bara kana misooma qonnaaf xiyyeeffannoon laatamee kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Filannoowwan Investimantii haaraa kuma 3 fi 588 hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa Qonnaan bultootaa fi Horsiisee bultoota gara Investaraatti ol guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Dooktar Tashoomaan eeraniiru.
Hojii dhabeeyyii kuma dhibba 5 fi kuma 35 oliif carraa hojii uumuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.
Lafa hektaara kuma 24 ol qopheessuus eera.
Hojii hojjetamaa jirurra galii Birrii Biiliyoona 19 ol argachuuf karoorfamuu Dooktar Tashoomaan himaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.