Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti bara kana ijaarsi proojaktoota misooma jallisii ammayyaa 19 eegalaman

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Bara baajataa kana naannoo Oromiyaatti ijaarsi proojaktoota misooma jallisii ammaayyaa 19 eegaluu isaanii ibsameera.
 
Proojaktoonni kunneen mootummaa naannoo fi federaalaan kan hojjetaman ta’uu sadarkaa preezdaantiitti hogganaan kilaastera misooma baadiyyaa naannichaa Dooktar Girmaa Amantee Faanaa Broodkast koorpooreetiitti himaniiru.
 
Proojaktoonni kunneen yeroo xumuramanitti lafa hektaara kuma dhibba 1 fi kuma 20 ol misoomsuu ni danda’u jedhan.
 
Misooma damee qonnaa guddisuun jiruu fi jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf mootummaan yeroo ammaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.
 
Proojaktoonni 7 mootummaa federaalaan, 12 ammoo mootummaa naannichaan kan hojjetaman ta’uu himan.
 
Ijaarsa proojaktoota kanneeniif mootummaan federaalaa Birrii biiliyoona 15 ol deeggarsa taasiseera jedhan.
 
Proojaktoonni ijaarsi isaanii eegalame kunneen qulqullina barbaachisuu fi yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramaniif to’annoo fi hordoffiin barbaachisu itti fufiinsaan kan taasifamu ta’uu Dooktar Girmaan himaniiru.
 
Afawarq Alamuutu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.