Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013’tti barattoonni kutaa 12ffaa 226 qabxii olaanaa galmeessuu ibsame

Finfinnee, Eebila 29, 2014 (FBC) – Akka Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013’tti Barattoota Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa barattootni 226 qabxii olaanaa galmeessuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa  beeksiseera.

Kanuma hordofee guyyaa har’aa magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti Sagantaan beekamtii kennuu bakka Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Ogeeyyiin barnootaa akkasumas barattootni qabxii olaanaa galmeessisan argamanitti gaggeeffamaa jira.

Dabalataanis, Saganticha irratti sirni beekamtii kennuu qaamolee ijaarsa mana barnootaa bu’uura boruu irratti hirmaataniif gaggeeffamaa jira.

Akka Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013’tti bartoonni kumni dhibba 2 fi kumni 53 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuu ibsameera.

Bara barnootaa 2013tti  barattoonni 226 qabxii olaanaa galmeessuu eerameera.

Guyyaa har’aas barattoonni qabxii olaanaa fidan ni badhaafamu.

Dhiirota keessaa qabxii olaanaa kan galmeessan duraa duubaan:-

1.Barataa Abdulaaziiz Zeenuu 600 keessaa Qabxii 548 galmeessuun badhaafaa ta’eera.

2.Hundee Tafarii fi

  1. Kookeet Tasfaayee walduraa duubaan ni badhaafamu.

Gama Shamarraniitiin ammoo

1.Siifan Fiixaa Hiikaa  Qabxii 542 Gosa barnootaa Herregaa ammoo qabxii 100 fiduun ni badhaafamti.

2.Hawwii Xaasoo 539

3.Lootii Yaadataa 525 galmeessuun badhaasa meedaaliyaa ni badhaafamu.

Kana malees gama ijaarsa Projektii bu’uura boruutiin Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa kuma 3 ijaaruuf karoorfamee karooraa ol manni barnootaa kumni  3 fi 377 eegalameera.

kanneen keessaa  kumni 3 fi 11 xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Ijaarsi manneen barnootaa kanaas deeggarsa dhaabbilee addaa addaa fi hawaasa irraa Birrii Biiliyoona 12 walitti qabameen  kan ijaaramaa jiruudha.

Bara dhufu manneen barnootaa kuma 6 ijaaruuf karoorfameera.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota shamarranii kuma 3 leenjisuun hojiitti galchuu ibsameera.

Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.