Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Ayyaanni Maanguddootaa kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Ayyaanni Maanguddootaa magaalaa Buraayyuutti kabajameera.

Ayyaanni manguddoota Naannoo Oromiyaatti yeroo 20ffaaf mata dure

“maanguddoonni faana duudhaa ganamaa, galfata dhaloota haaraati” jedhuun guyyaa har’aa kabajameera.

Hoogganaan  Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa, Maanguddoo yaadachuun dhaloota biyya jaallatu ijaaruu keessatti gahee olanaa  qaba jedhaaniiru.

Maanguddoonni  galtee beekumsaa dhaloota har’aa waan ta’aniif , kabaja, beekamtii fi deeggarsi akka isaan barbachisuu kaasaniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdullaakiim Muluu gamasaaniin, Yeroo ayyana mangoddoo kabajaa jirru kanatti warra kabaja biyya keenyaaf aarsaa ta’ani fi ta’aa jiran itti yaadachaa jirrutti ta’uun adda isa taasisa jedhaniiru.

Dhaloonni maangoddoota biyya eeganii asiin gahan eeguun dhaloota dhaalchisuu akka qaban dhaamaniiru.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.